Shaampiyoonaan Atileetiksii biyyaalessaa boru Dirree Dawaatti ni’eegalama

Caamsaa 17/2017(TOI)- Shaampiyoonaan Atileetiksii biyyaalessaa Atileetonni kuma 1 fi 190 caalan itti hirmaatan boru Dirree Dawaatti akka eegalamu federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa beeksise.

Ogeessi olaanaa hariiroo ummataa federeeshinichaa mahaarii Nagaash akka ibsanitti, shaampiyoonaan atileetiksii wagga 20 gadii 13ffaa fi shaampiyoonaan atileetiksii wagga 18 gadii D4ffaan boru Istaadiyoomii idil addunyaa Dirree Dawaatti ni’eegala.

Dorgommichaan atileetonni saala lamaanuu naannolee fi Finfinnee fi Dirree Dawaarraa walitti dhufan kuma 1 fi 190 akaakuu atileetiksii garagaraan nihirmaatu.

Dorgommiin kun dorgommii afriikaa wagga kudha 18 gadii fi wagga 20 gadii Naayijeeriyaatti adeemsiafamuuf atileetota Itiyoophiyaa bakka bu’an fo’achuuf nidandeessisa jedhan.

Dorgommiin kun boruu eegalee guyyoota walitti aanan toorbaaf istaadiyeemii idil addunyaa Dirree Dawaatti ni’adeemsifama.

Itti aanaan pirezidaantii federeeshinii Atileetiksii Dirree Dawaa Ahimad Abdoo gamasaaniin, Shaampiyoonichi akka milkaa’u qophiin barbaachisu taasifameera.

#Oromiyaa

#Tajaajila-Oduu-Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015