Hadiyyaa Hoosaa’inaa fi Itiyoo Elektiriikiin walqixa bahan - ENA Afaan Oromoo
Hadiyyaa Hoosaa’inaa fi Itiyoo Elektiriikiin walqixa bahan

Caamsaa 16/2017 (TOI)-Sagantaa torbee 31ffaa Piriimer Liigii Itiyoophiyaatiin Hadiyyaa Hoosaa’inaa fi Itiyoo Elektiriikiin galchii 1 fi 1n walqixa bahaniiru
Tapha galgala kana Istaadiyeemii Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaatti taphatameen Hadiyyaa Hoosaa’inaan daqiiqaa 3ffatti galchuun dursa fudhate ture.
Itiyoo Elektiriik daqiiqaa 24ffatti galchuun Itiyoo Elektiriik walqixxeessiteetti.
Akkaataa qabxii kanaatiin Hadiyyaa Hoosaa’inaan qabxii 43n 6ffaa iiraa gara 5ffaatti guddifateera.
Itiyoo Elektiriik qabxii 34n sadarkaa 14ffaa irra jira.
Taphoota torbee 31ffaa har’a adeemsifamaniin magaalaan Adaamaa magaalaa Bahaar Daar 2 fi 1n Bunni Sidaamaa Qiddus Goorgis 1 fi on mo’ataniiru.