Sagantaan Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa biyyoota oollaa waliin misooma waloo fi walitti hidhamiinsa uumeera - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa biyyoota oollaa waliin misooma waloo fi walitti hidhamiinsa uumeera

Caamsaa 16/2017(TOI)- Sagantaan Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa biyyoota oollaa waliin misooma waloo fi walitti hidhamiinsa uumuunsaa ibsame.
Ministeera dhimma alaatti daarektar jeneraaliin paabiliik dippilomaasii ambaasaaddar Shibbiruu Maammoo TOI waliin gaaffii fi deebii taasisaniin, sagantaan Ashaaraa Magariisaa gama dippiloaasiin waltajjii addunyaatti beekamtii fi fudhatama argachuusaa himaniiru.
Imaammanni dhimma alaa Itiyoophiyaa biyyoota ollaaf dursa kan kennu waanta’eef fayyadama waloo fi walitti hidhamiinsa riijinii caalaatti cimsuuf bu’ura misoomaa, daldala, eegumsa qabeenya uumamaan tumsaan hojjechaa akka jirtu dubbataniiru.
Sagantaa Ashaaraa magariisaa Waggaa jaha dura yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin jalqabameen biyyoota ollaa waliin walitti dhiheenyaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Hojii paabiliik dippilomaasii hojjetaman keessaas kun tokko ta’uu eeraniiru.
Kunis fakkeenyummaan akka fudhatames dubbataniiru.
Jijjiirama haala qilleensaa fulla’insaan ittisuu fi qabeenya uumamaa eeguun bu’aan sagantaa Kanaan galmeessifte ilaalchisee sadarkaa idil addunyaatti muuxannoo qooduushee ambaasaaddar Shibbiruun ibsaniiru.
Biqiltuuwwan biiliyoonaan lakkaa’aman wagga waggaan dhaabuun bu’aan galmeessifte waltajjii idil addunyaatti beekamtii argachuusaa himaniiru.
Biyyoonni ollaa Itiyoophiyaarraa muuxannoo fudhachuun biqiltuu dhaabuuf kaka’umsa akka uume ibsaniiru.
Ministeera qonnaatti dursaan hojii raawwachiisaa eegumsa misooma qabeenya uumamaa fi itti fayyadamaa Faanosee Mokonnon gamasaaniin, sagantaan Ashaaraa magariisaa lafti miidhame akka bayyanatu, ciidhinni lafaa akka dabalu, qaamoleen bishaanii akka dabalan gochuu ibsaniiru.
Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara 2017 biqiltuun biiliyoona toorba tuqaa shanii ol qopheeffamuu obbo Faanoseen dubbataniiru.