Qabsoon Farra malaammaltummaa bu’uura hawaasaa akka qabaatu qaamoleen damichaa qindoominaan hojjechuu qabu - ENA Afaan Oromoo
Qabsoon Farra malaammaltummaa bu’uura hawaasaa akka qabaatu qaamoleen damichaa qindoominaan hojjechuu qabu
Caamsaa15/2017(TOI)-Qabsoon farra malaammaltummaa biyyoolessaa bu’uura hawaasaa akka qabaatu qaamoleen damichaa qindoominaan hojjechuu akka qaban mana maree bakka bu’oota uummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota Dimokiraasii Iwunetee Allenee hubachiisan.
Yaa’iin hariiroo biyyoolessaa komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa 13ffaan magaalaa Arbaamincitti gaggeeffamaa jira.
Waltajicha irratti kan argaman mana maree bakka bu’oota uummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota Dimokiraasii Iwunetee Allenee akka jedhanitti, Qabsoon Farra Malaammaltummaa bu’uura uummataa akka qabaatuuf qaamoleen damichaa qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru.
Koomishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaatti komishineer Dr.Samu’eel Urqaatoo qabsoon farra malaammaltummaa bu’aa qabeessa akka ta’u barsiisuu fi hubachiisuun cinatti dhaabbilee irratti hojiin dursanii ittisuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Sadarkaa biyyoolessaatti qajeeltoowwan naamusaa dhaabilee hunda keessa jiraatanis gama itti gaafatamummaatiin hanqinoonni jiraachuu eeranii , humna namaa naamusaan ijaaruuf bu’uurri seeraa akka jiraatuuf hojjetamaa jira jedhniiru.
Waltajjii guyyaa2f qophaa’een Gammaggama raawwii hojii baatii 9dabalatee sanadoota adda addaa qabsoo farra malaammaltummaa irratti mariin gaggeeffama.
Saganticha irratti Mana Maree bakka bu’oota uummataatti Miseensota koree dhaabbataa dhimmoota Dimokiraasii, Qaamolee Komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa, komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa naannoolee argamu.