Ganna dhufu naannawoota biyyattii hedduutti roobni idilee fi idilee olii nirooba

Caamsaa 15/2017 (TOI)- Ganna dhufu naannawoota biyyattii hedduutti roobni idilee fi idilee olii akka roobu inistiitiyuutiin Miitiwoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise.

Waltajjiin Inistiitiyuutichi  raaga Waqtii Arfaasaa fi qabatamaan waan turee walbira qabuun fayyadamtoota tajaajilichaa fi qooda fudhattoota waliin qorachuu fi raga ganna dhufuu ifoomsuuf  qopheesse Adaamaatti taa’amaa jira.

Hojii raawwachiisaan Inistiitiyuutichaa obbo Faxxanaa Tashoomaa akka ibsanitti, waltajjichi kan qophaa’e dubdeebii raaga waqtii Arfaasaa fi raaga ganna dhufuu ibsuufi.

Haala Kanaan raagni waqtii Arfaasaa haala qabatamaan yoo ilaalamu madaalawaa ta’ee argineerra jedhan.

Naannawoonni rooba gannaa fayyadaman rooba idilee fi idilee olii akka argatan obbo Faxxanaan ibsaniiru.

Roobni idilee olii roobuu waan danda’uuf ofeeggannoo n nibarbaachisa jedhaniiru.

Ministeera bishaanii fi inarjiitti sadarkaa de’eetaa ministiraatti gorsaan addaa ministirichaa obbo Mootummaa Maqaasaa gamasaaniin, inistiitiiyuutichi hojii isaa ga’umsaan bahachaa akka jiru beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015