Hojiileen misoomaa Finfinneetti hojjetamaa jiran fayyadamaa fulla’aa kan mirkaneessanidha - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen misoomaa Finfinneetti hojjetamaa jiran fayyadamaa fulla’aa kan mirkaneessanidha

Caamsaa 14/2017(TOI)- Hojiileen misoomaa Finfinneetti hojjetamaa jiran fayyadamaa fulla’aa kan mirkaneessanii fi muuxannoon kan irraa fudhataman ta’uun ibsame.
Walgahiin Ardii ogeeyyotaa hojiirratti hundaa’e dhaabbata hojii idil addunyaa 20ffaan mata duree “sagantaa Invastimantii hawaasa cimaa fi naannawa fayyaalessa baay’inaan fayyadamu adeemsifte” jedhuun galma walgahii gamtaa Afriikaatti adeemsifamaa jira.
Yaa’ichi oolmaa guyyaa har’aatiin dhimmoota garagaraa irratti marii paanaalii gaggeesseera.
Sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaan olaanaa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa wayita kana akka jedhanitti, hojii magariisaa fi misooma magaalaa hunda galeessa ilaalchisuun muuxannoo jiru dhiheessaniiru.
Dhaabbata hojii addunyaatti ispeeshaalistiin olaanaa teekiniikaa Maayikil Sengi Liiwu ijaarsa bu’ura misoomaa uumama bu’ureeffate ilaalchisuun waraqaa mariif ta’u dhiheessaniiru.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ijaarsa pirojektootaa uumama bu’uureffate raawwachuun fakkeenya adda duree ta’uu kaasaniiru.
Bu’ura misoomaa fulla’aa ilaalchisuun barreeffama kan dhiheessan komishinii dinagdee Afriikaatti daarektarri teeknooloojii, kalaqaa fi kutaa bu’ura misoomaa Roobarti Liisiingee gamasaaniin, bu’uraaleen misoomaa carraa hojii fulla’aa uumuuf ijoo ta’uu ta’uusaanii kaasaniiru.