Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi giifti dureen Zinnaash Taayyaachoo daawwannaa hojiif Paariis dhaqan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi giifti dureen Zinnaash Taayyaachoo daawwannaa hojiif Paariis dhaqan

Caamsaa 14/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi giifti dureen Zinnaash Taayyaachoo jila hooggantoota olaanoo waliin ta’uun daawwannaa hojiif Faransaayi Paariis dhaqaniiru.
Ministirri muummee fi jillisaanii paariis wayita gahan godambaa humnoota waraanaa biyyaalessaan kan simataman yoo ta’u, daawwannaa Kanaan Pirezidaant Imaanu’eel Maakroon waliin akka mari’atan odeeffannoon waajjira muummeerraa argame nimul’isa.