Wixineen labsii qarqara qaama bishaanii murteessuu, misoomsuu fi kunuunsuu ragga’e - ENA Afaan Oromoo
Wixineen labsii qarqara qaama bishaanii murteessuu, misoomsuu fi kunuunsuu ragga’e

Caamsaa 14/2017(TOI)- Manni maree bakka bu’oota ummataa Wixinee labsii qarqara qaama bishaanii murteessuu, misoomsuu fi kunuunsuu raggaaseera.
Manni marichaa har’a walgahii idilee 31ffaa bara hojii waggaa 4ffaa taa’eera.
Walgahii kanaanis wixinee labsii qarqara qaama bishaanii murteessuu, misoomsuu fi kunuunsuu irratti mari’ateera.
Mana marichaatti itti aanaan walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota bishaanii, jallisii, naannawa gammoojjii fi misooma naannawaa Dr. Awwaqee Amzaayee labsicha ilaalchisuun gabaasaa fi yaada murtoo dhiheessaniiru.
Itti aanaan walitti qabaa kun akka jedhanitti, labsichi fageenya qarqara bishaanii murteessuuf, qaamolee bishaanii faalamarraa eeguu fi faayidaa biyyaaf tajaajilarra akka oolu gochuurratti kan xiyyeefatedha.
Seera ashaaraa magariisaa, maaddii dhalootaa fi sagantaalee walfakkaatoon walsime baasuun barbaachisaa waan ta’eef labsiin kun bahuusaa ibsaniiru.
Manni marichaa gabaasaa fi yaada murtoo dhihaaterratt erga mari’atee booda sgalee guutuun raggaaseera.