Hojiileen misoomaa jiraattota fayyadamoo hundagaleessa taasisan magaalaa jimmaatti hojjetamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen misoomaa jiraattota fayyadamoo hundagaleessa taasisan magaalaa jimmaatti hojjetamaa jiru

Caamsaa 14/2017(TOI)- Hojiileen misoomaa jiraattota fayyadamoo hundagaleessa taasisan magaalaa jimmaatti hojjetamaa akka jiran kantiibaan bulchiinsa magaalichaa obbo Xahaa Qamar ibsan.
Jiraattonni misooma magaalaa Jimmaa deeggaruun mana jireenyaasaanii gad lakkisan mana jireenyaa ijaarameef har’a fudhataniiru.
Kantiibaan magaalichaa obbo Xahaa Qamar wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan misoomaa jiraattota magaalichaa fayyadamoo taasisan hojjetamaa jiru.
Hojiin misooma kooriidarii magaalichatti hojjetamaa jiru carraa hojii uumuurra darbee miidhaginaa fi maqaa gaarii magaalattii guddisuusaa jiraachuu ibsaniiru.
Jiraattota magaalichaa misooma deeggaruun naannawa jireenyasaanii gadi lakkisan deebisanii dhaabuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.
Amma ammaattis filaata garagaraan mana akka argatan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.