Itiyoophiyaaan humna dilbii Qonnaa qabduuf dursa kennuu isheetiin yeroo gabaabaa keessatti bu’aa guddaa galmeessiteetti-Itti Aanaa Muummicha Ministiraa Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaaan humna dilbii Qonnaa qabduuf dursa kennuu isheetiin yeroo gabaabaa keessatti bu’aa guddaa galmeessiteetti-Itti Aanaa Muummicha Ministiraa Tamasgeen Xurunaa

Caamsaa14/2017(TOI)-Itiyoophiyaaan humna kuufamaa Qonnashee tarsiimoon deeggaruun hojimaata fi hordoffii addaan dursa kennitee hojjechuu isheetiin yeroo gabaabaa keessatti bu’aa guddaa galmeessaa jirti jechuun Itti Aanaan Muummicha Ministiraa Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Itti Aanaan Muummicha Ministiraa ergaa toora marsariitii isaaniin dabarsaniin Qonni Qorannoo fi Qo’annoon deeggaramee hojirra oollaan yeroo gabaabaa keessatti biyya jijiiruuf humna qaba jedhaniiru.
Yaa’ii wabii nyaataa, beela qolachuu fi, misooma baadiyyaa Biraaziil Afriikaa 2ffaa cinaatti hojiilee damee qonnaa biyyattii daawwanneerra jedhan.
Kanaanis biiyyi Laatin Ameerikaa Biraazil yeroo ammaa guddina omishaa daangaa hin qabnee fi Misooma Qonnaa ittifufaa isheetiin biyyoota adda duree omisha isaanii biyyoota Addunyaaf ergan keessaatti argamti jedhaniiru.
Magaalaa guddittii Biraaziiliyaarraa Km kuma 1 fi 547 irratti kan argamtu hanqina roobaa kan qabdu Peetrooliinaa dhaqnee hojiilee garagaraa buufata qorannoo fi qu’annoo damee korporeeshinii qorannoo qonnaa biyyattii(Embrapa) waggaa 40 turetti hojjetaman ilaalleerra kechuun ibsaniiru.
Daawwannaa isaaniin hojiilee bishaan kuusuu, itti fayyadamuu fi bulchiinsaa beelladoota sanyii qulqulluu gammoojjii damdamachuu danda’an, muduraawwan jallisiin misooman, horsiisa qurxummii sanyii garagaraa argineerra jedhaniiru.
Teeknooloojiiwwan hojiiwwan qorannoo fi qu’annoo deeggaran hojiiwwan kanneen hojjechuu dandeessisan dawwachuusaanii beeksisaniiru.