Itiyoophiyaatti carraan hojii industirii paarkii keessatti uumamaa jiran barnoonni kan irraa  fudhatamanidha

Caamsaa14/2017(TOI)-Carraaleen hojii paarkiiwwan Industirii Itiyoophiyaa keessatti uumamaa jiran kan barnoonni irraa fudhatamu ta’uu hirmaattonni yaa’ii Ardii dhaabbata hojii idil addunyaa 20ffaa ibsan.

Walgahiin Ardii ogeeyyotaa hojiirratti hundaa’e dhaabbata hojii idil addunyaa 20ffaan mata duree “sagantaa Invastimantii hawaasa cimaa fi naannawa fayyaalessa baay’inaan fayyadamu adeemsifte” jedhuun galma walgahii gamtaa Afriikaatti adeemsifamaa jira.

 Bakka bu’oonni biyyoota adda addaa fi hoggantoonni dhaabbilee Idil addunyaa waltajjicha irratti  hirmaachaa kan jiran  yoo ta’u, hirmaattonni hojiiwwan misoomaa magaalaa Finfinneetti hojjetaman daawataniiru.

Daawwattoonni kunneen paarkii Industirii Boolee Lammii fi korporeeshinii hojiiwwan konistraakshinii Itiyoophiyaa daawwataniiru.

Afriikaa kibbaa irraa kan dhufan Dorotii Steenkamp carraa hojii zooniiwwan dinagdee addaa   uuman  dinqisiifatanii, haala mijataa  paarkii  industirii Boolee Lammii jiru  kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.

Pirojektiin  babal’isuu  Zoonii  Dinagdee addaa  carraa  hojii dabalataa   kan uumu ta’uu ibsuun   deeggarsa Mootummaa fi dhuunfaan   hojiiwwan hojjetamaa jiran   kan  raajeffatamani ta’anii  arguu isaanii kaasaniiru.

Taanzaaniyaa irraa kan dhufan Liiwiitiikoo Miwandobo Mootummaan abbootii qabeenyaaf onnachiiftuu gochaa jiru dinqisiifachuu isaanii  dubbataniiru. 

Zooniin Dinagdee addaa  namoota hedduuf  carraa hojii uumuu qabatamaan arguu  isaanii dubbataniiru. 

Kanaanis Itiyoophiyaa irraa muuxannoo hedduu fudhachuu isaanii  ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015