Sagantaan maaddii guutuu erga eegalee asitti fayyadamummaan guddachaa jira-Jiraattota Magaalaa Jimmaa

Caamsaa14/2017(TOI)-Sagantaan Maaddii Guutuu Erga Eegalee asitti fayyadamummaan  isaanii guddachaa dhufuu jiraattonni Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaatti yaada isaanii kennan dubbatan.

Naannichatti sagantaa maaddii guutuun fayyadamummaa jiraattotaa mirkaneessuuf cuucii lukkuu fi Qurxummii sanyii fooyya’aa qaban bal’inaan dhihaachaa jiraachuu  biiroon Qonnaa beeksiseera.

Jiraattota Godina Jimmaa TOI’f yaada kennan keessaa Rahamatoo abbaa Moggaa, kuufama  bishaanii xixiqqaa keessatti Qurxummii horsiisuu irratti bobba’uu isaanii ibsuun, hojicha otoo hin eegaliin dura Qurxummii Kuufama Bishaanii xiqqaa keessatti misoomsuun akka danda’amu akka hin beekne  dubbatu.

 Sagantaa maaddii guutuun leenjii mootummaan isaanii kenne irratti hundaa’uun haroo qopheessuun Cuucii Qurxummii fudhatanii horsiisuu eegaluu isaanii himaniiru.

 Hojii isaanii Kanaan muuxannoo qaban hedduuf qoodu irra darbee, Qurxummii gabaaf dhiheessuun  fayyadamaa ta’uu  isaanii  ibsaniiru.

Obbo Abduu Abdurahman gama isaaniin sagantaa maaddii guutuun kuufama  bishaanii xiqqaa  ijaaranii  qurxummii  misoomsuun fayyadamummaan isaanii guddachaa dhufuu  dubbataniiru.

Jiraataan Magaalaa Jimmaa kan biraan dargaggoo Riyaad Rashaad  sagantaa maaddii guutuun  hiriyyoota isaanii waliin  gurmaa’uun horsiisa lukkuu irratti bobba’uu ibseera.

Sagantaa maaddii guutuu milkaa’aa gochuuf  sanyii fooya’aa baay’isuun hawaasaaf dhiheessuu bal’inaan raawwatamaa jiraachuu Itti Aanaa Biiroo Qonna Naannichaa Obbo  Toleeraa Dabalaa dubbataniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015