Nagaa fi nageenya Siyaasaa naannawa galaana diimaa eegsisuuf tumsi biyyoota riijinichaa murteessaadha

Caamsaa 14/2017(TOI)-Nagaa fi nageenya Siyaasaa naannawa galaana diimaa eegsisuuf tumsi biyyoota riijinichaa murteessaa ta’uu daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii dhimma alaa Jaafaar Badruu dubbatan.

Foramiin siyaasa riijinii galaana diimaa 3ffaa mata duree “tumsi dinagdee fi nageenyaa biyyoota riijinii galaana diimaa fi galoo galaanaa akkasumas carraalee gaarii, gufuulee fi kallattii fuulduraa” jedhuun finfinneetti taa’amaa jira.

Hooggantoonni ministeera dhimma alaa, hooggantoonni Inistiitiyuutii dhimma alaa, qondaaltonni raayyaa ittisaa, anbaasaddaroonni biyyoota garagaraa Itiyoophiyaatti argama, hayyoonnii fi qaamoleen biroon waltajjicharratti hirmaachaa jiru.

Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii dhimma alaa Jaafar Badruu wayita kana akka jedhanitti, siyaasa, nagaa fi nageenya naannawa galaana diimaa eegsisuuf tumsi biyyoota riijinichaa murteessaadha.

Itiyoophiyaan nagaa fi nageenya riijinichaa eegsisuu fi fayyadama waloo mirkaneessuuf biyyoota qaxanichaa waliin tumsaan hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015