Naannichatti bara kana sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan lafa heektaara kuma 83 ol irratti dhaabuuf qophiin taassifameera - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti bara kana sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan lafa heektaara kuma 83 ol irratti dhaabuuf qophiin taassifameera

Caamsaa 13 /2017(TOI)-Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan bara Kana lafa hektaara kuma 83 ol biqiltuu dhaabuuf qophiin taassifamuu Biiroon Bosonaa, Kunuunsaa fi misooma Naannoo beeksise.
Hogganaan Biirichaa Obbo Gizaatee Gijee TOI’f akka isanitti, naannichatti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan lafa hektaarakuma 83 fi 395 irra dhaabuuf qophiin taassifamu himaniiru.
Biqiltuuwwankun Naannichatti Godinaalee12tti Mootummaan, Namoota dhuunfaan, waldaalee fi dhaabbilee Mit-Mootummaan buufata biqiltuu kuma 1 fi 495 qophaa’uu isaanii dubbataniiru.
Biqiltuuwwan qophaa’an eegumsa naannoo dabalatee faayidaa hedduu qabaachuu isaanii ibsaniiru.
Amma irratti dhaabbii isaa milkeessuuf kan deeggaran qophii boollaa fi haaldureewwan hojii biroon cimanii itti fufuu ibsaniiru.
Obbo Gizaateen Sagantaan Ashaaraa magariisaa faayidaa hedduu kan qabu ta’uu ibsuun, madaala Qilleensaa sirreessuu irra darbee, gabbina biyyee fi hamma bishaanii dabaluun omishaa fi omishtummaan mirkanaa’u akka dandeessisuu dubbataniiru.
Dabalataanis tattaaffii hirkattummaa iraatii gara omishitummaatti ce’uuf taassifamu deeggaruu irra darbee dadammaqinsa Ikkoo Turiizimiitiif bu’aa buusaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannoo kibba Itiyoophiyaatti bara 2011 uwwisni bosonaa dhibbentaa 17 kan ture yoo ta’u, sochii Ashaaraa magariisaa itti fufinsaan taassifameen uwwisni bosonaa gara dhibbentaa 23 tuqaa 17tti guddachuu ibsaniiru.