Godina Jimmaatti hojiirra oolmaa Sagantaa Maaddii guutuu muuxannoon kan irraa fudhatamudha-Bulchitotaa Naannoolee - ENA Afaan Oromoo
Godina Jimmaatti hojiirra oolmaa Sagantaa Maaddii guutuu muuxannoon kan irraa fudhatamudha-Bulchitotaa Naannoolee

Caamsaa 13 /2017(TOI)- Godina Jimmaatti hojiirra oolmaa Sagantaa Maaddii guutuu muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu Bulchitoonni Naannoolee ibsan.
Gamaggamni raawwii hojii Baatiiwwan saglan darbanitti sagantaa maaddii guutuun,
cehumsa sirna soorataa, fi soda hoggansa balaa Sadarkaa Muummee Ministiraatti hogganaan Qindeessaan giddugala Ijaarsa sirna Dimokiraasii fi itti Aanaan Pirezedaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraah, bulchitoonni naannoolee, Ministeerota dabalatee hoggantoonni olaanoo naannoo fi federaalaa bakka argamanitti gaggeeffameera.
Hordoftoonni sagantichaas hojii misoomaa sagantaa maaddii guutuu daawwataniiru.
Misooma Dammaa Gaagura ammayyaan, misooma Avokaadoo, biqiltuu muuzii, biqiltuu baala shayii fi sochiin misooma lukkuu fi killee daawwatamaniiru.
Bulchaan Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Xilahun Kabbadee Godinichatti Inisheetivonni maaddii guutuu xiyyeeffannoon hojiirra oolaa jiraachuu hubanneeraa jedhaniiru.
Godinichi Qabeenya Uumamaa mijataa qabdu fayyadamuun xiyyeeffannoon Misooma Dammaaf kenname dabalatee sochiin maaddii guutuu muuxannon kan irraatii fudhatamu ta’uu ibsaniiru.
Naannoo Kibba Itiyoophiyaattis sochiin maaddii guutuun xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jiraachuu himuun, kanneen akka Misooma Dammaa, Misooma Qurxummii, Misooma Lukkuu fi killee akkasumas kuduraa fi muduraa irratti hojjetamaa jira jedhaniiru.
Bulchaan naannoo Sidaamaa Dastaa Leedaamoo Godina Jimmaatti sagantaa maaddii gutuun gosa omishaa hedduu irratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu argineerra jechuun ibsaniiru.
Hojiiwwan gaagurra Dammaa Ammaayyaa, Misooma Avokaadoo,fi kanneen biroon abdachiisoo fi muxannoon kan irraa fudhataman ta’uu ibsaniiru.
Naannoo sidaamaatti hojiiwwan misoomaa maaddii guutuu xiyyeeffannoo fi hordoffii cimaan hojjetamaa jiraachuu kaasuun Sirna soorataa guutuun akka jiraatu tattaaffiin taassifamaa jira jedhaniiru.