Godina Boorana Bahaatti lafti heektaara kuma 167 caalu qonna Arfasaan misoomeera. - ENA Afaan Oromoo
Godina Boorana Bahaatti lafti heektaara kuma 167 caalu qonna Arfasaan misoomeera.

Caamsaa 13/2017 (TOI)- Godina Boorana Bahaatti lafti heektaara kuma 167 caalu qonna Arfasaan misoomee kunuunfamaa akka jiru waajjirri qonnaa godinichaa ibse.
Waajjirichatti ogeessi misooma midhaanii obbo Bonayyaa Huuqaa, qonna Arfaasaa godinichatti Bitootessaa amma walakkeessa Hagayyaatti hojjetamu bu’a qabeessa taasisuuf galteen qonnaa fi deeggarsiogeeyyii taasifamuu ibsaniiru.
Haala Kanaan qonna Arfaasaa baranaatiin lafti heektaara kuma 167 caalu facaafamuu dubbataniiru.
Qonnaan bultoonnii fi horiisee bultoonni kuma 147 qonna Arfaasaa irratti hirmaachuu ibsanii, oomishni kuntaala miiliyoona 2 tuqaa 8 ol walitti qabuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Waajjirichatti ogeessi mekaanaayizeeshinii fi itti fayyadama galtee Gammadaa Hasan gamasaaniin, lafa Arfaasaa baranaatiin misoome heektaarri kuma 108 mala qonnaa ammayyaan misoomuu eeraniiru.
Tiraaktaroonni 84, xaa’oon kuntaalli kuma 41 caaluu fi sanyiin filatamaa kuntaala kuma 14 hojiirra ooluu dubbataniiru.
Lafa Qonna Arfaasaa mekaanaayizeeshinii qonnaan misoomerraa qofa oomishni kuntaala miiliyoona 2 caalu akka abdatamu ibsaniiru.