Misoomni Kooriidarii Finfinnee biyyoota Afriikaaf fakkeenya kan ta’udha-hirmaattota konfaransii Tuurizimii

Caamsaa 13/2017(TOI)- Misoomni Kooriidarii Finfinnee biyyoota Afriikaaf fakkeenya ta’uu akka danda’u hirmaattonni konfaransii Tuurizimii TOIn haasofsiise ibsan.

Yaa’iin Iirasmes Pilaas 2025 biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadii mata duree “Shoorri barnootaa cehumsa misooma magariisaaf” jedhuun Yuunivarsiitii Finfinneetti taa’amaa jira.

Hirmaattonni waltajjichaa TOIn haasofsiise hojiin misoomaa, qulqullinaa fi miidhaginaa raajiidha jedhaniiru.

Piroofeesaarri Roomaaniyaa Miihayee Voodaa gara biyyasaanii lammaffaa Finfinnee dhufuu dubbatanii, jijjiiramoota hedduu Finfinneetti arguu ibsaniiru.

Maadagaasikaarirraa kan dhufan Zuliiraa Kutinee gamasaaniin, waggaa kudhan dura Finfinnee dhufanii akka ture ibsanii, guddinni misooma magaalattii raajiidha jedhaniiru.

Kanaan dura Finfinnee embaasii Mooriishiyees keessa hojjechaa akka turan kan ibsan piroofeesar Kiiran Bejen, hojiin misoomaa waggoottaniin booda Finfinneetti argan gonkumaa adda ta’uu kaasaniiru.

Gargaaraan piroofeesaraa Osmaan Osaangoo Maaliirraa kan dhufan yoo ta’u, hojiin misoomaa fi Hoteelli Finfinneetti argan miidhaginarra darbanii  tuurizimii kan hawatanidha jedhaniiru.

Hojiin bu’ura misoomaa, qulqullinaa fi miidhagina Finfinneetti hojjetame biyyoota Afriikaa biroof fakkeenya ta’uu kan danda’udha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015