Pirojektiiwwan bu’ura misoomaa birrii biiliyoona 33n magaalaa Shaggaritti ijaaramaa jiru

Caamsaa 13/2017(TOI)-Magaalaa Shaggar ammayyeessuun fayyadama hawaasaa guddisuuf Pirojektiiwwan bu’ura misoomaa birrii biiliyoona 33n magaalaa Shaggaritti ijaaramaa jiraachuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Pirojektoota bara bajataa kanatti magaalichatti ijaaramaa jiran 347 keessaa amma ammaatti 255 xumuramuun himameera.

Hooggantuun waajjira mana qopheessaa magaalaa Shaggar adde Roozaa mahaammad akka ibsanitti, pirojektoonni kunneen haaraa, jalqabamanii kan hinxumuramnee fi kan suphamanidha.

Pirojektoota kanneen keessaa daandii, buufata fayyaa fi Hoospitaalota, manneen barnootaa, dhaabbilee bishaan dhugaatii qulqulluu, manneen jireenyaa dadhabootaa, industiriiwwan godoo,pirojektoota jallisii jiddugaleessota gabaa qonnaan bultootaa fi kanneen biroos keessatti argamu.

Pirojektoota buleeyyii Bara bajataa kana ijaaramaa jiran 70 keessaa 43 xumuramaniiru.

Pirojektoota haaraa Ijaaramaa jiran 239 keessaa 184 xumuramanii tajaajilaaf oolaniiru.

Kanneen hafan haaromfamaa akka jiran himaniiru.

Hojiin kun bajata mootummaa fi hirmaannaa ummataan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Pirojektiiwwan misoomaa magaalaa Shaggaritti hojjetamaa jiran namoota kuma 30 caalaniif carraa hojii uumuu ibsaniiru.

#Oromiyaa

#Tajaajila oduu Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015