Magaalichatti Hojiiwwan Tajaajila Geejibaa Saffisiisan cimanii  itti fufaniiru–kantiibaa Adaanech  Abeebee 

Caamsaa 13 /2017(TOI)-Magaalichatti hojiin Sirna Geejibaa saffisiisan  cimanii itti fufuu isaanii Kantiiban Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanech Abeebee bakka dhaabbii konkolaataa/Paarkiingi ekkaa 2ffaa kutaa Magaalaa Ekkaatti  ijaarame  eebbisaniiru.

Saganticha irratti jijiiramaa asitti konkolaattota  kuma  35n  keessumeessuu kan danda’an  bakkeewwan dhaabbii konkolaataa 150 ijaaramanii  tajaajilaaf  ga’uu  Kantiibaa Adaanech  dubbataniiru.

Dabalataanis hojiiwwan sirna geejibaa saffisiisan daandiiwwan  konkoolaataa, biskileetii fi lafoo ijaaramanii  tajaajila kennaa jiraachuu  ibsaniiru.

Bakkeewwan dhaabbii konkolaataa fi bu’uuraaleen misoomaa daandii sochii dinagdee fi Hawaasummaa Magaalichaa saffisiisuuf shoora guddaa gumaachaa jiraachuu  beeksisaniiru.

Hojiiwwan  misoomaa hunda galeessi Magaalichatti raawwatamaa  jiran bu’aa yaada ammayyaati kan jedhan kantiibittiin, fuuldurattis  hojiiwwan tajaajila  geejibaa saffisiisan  cimanii akka itti fufan  mirkaneessaniiru. 

Bakki dhaabbii konkolaataa har’a eebbifame yeroo tokkotti konkolaattota kuma tokko keessummeessuu kan danda’u yoo ta’u  suuqii 16, kan qabuu  fi qaama miidhamtoota bu’uureffatee kan ijaarame ta’uu  ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015