Korichi miseensota kaadhimamtoota hooggansa hojii boordii filannoo biyyaalessaaf filaman jaha ifoomse - ENA Afaan Oromoo
Korichi miseensota kaadhimamtoota hooggansa hojii boordii filannoo biyyaalessaaf filaman jaha ifoomse

Caamsaa 13/2017(TOI)- Koreen miseensota hooggansa hojii boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa filatu kaadhimamtoota hooggansa hojii boordii filannoo biyyaalessaaf filaman jaha ifoomseera.
Walitti qabaan koree Qesiis Taagaay Taaddalaa ibsa kennaniin, miseensota boordii hooggansa hojii filachuuf yeroo kaa’ame keessatti ummanni kaadhimamtoota 168 eeruusaa ibsaniiru.
Kaadhimamtoota 168 keessaa jaha ulaagaa guutanii koree fo’ataadhaan filamuusaanii dubbataniiru.
Kaadhimamtoonni jahan-
1.Obbo Tasfaayee Niwaay
2.Obbo Takliit Yimassil
3.Adde Nasiim Alii
4.Adde Daaroo Jamaal
5.Adde Fireehiywoot Girmaa
6.Doktar Yaareed Hayilamaarami jedhaniiru.