Kaakawoo biyya keessatti Omishuuf hojiin Qorannoo fi sanyii baay’isuu hojjetamaa jira

Caamsaa 13 /2017(TOI)- Kaakawoo biyya keessatti omishuuf hojiin qorannoo fi sanyii baay’isuu hojjetamaa jiraachuu giddugalli Qorannoo Qonnaa Teeppii  beeksise. 

Biqiltuun kakawoo  kuma 50 ol  gidduu gala Qorannoo Qonnaa Teeppiitti fi gidduu gala misooma Qonnaa biroo keessatti  bay’ifamanii dhaabbii  biqiltuu bara kanaaf qophii ta’uun ibsameera. 

Qindeesssaa fi qorataan biyyoolessaa Mi’eessituuwwan giddu galichaa Abukiyyaa Geetuu  TOI’f akka ibsanitti, misooma kaakawootf Xiyyeeffannoo kennameen sanyiisaa madaqsuuf hojiin qorannoo hojjetamaa turuu himaniiru. 

 Sanyiisaa yeroo dhihoo keessatti gara biyya keessaatti galchuun baay’isuuf tattaaffii taassifameen bara kana biqiltuu Kaakaawoo kuma 50 baay’isuun dhaabuuf qopheessuu  danda’amuu dubbataniiru.

Fuulduratti biqiltuuwwan dachaan qopheessuun Qonnaanbulaa fi lafa investimentii irratti babal’isuuf qindoominaan akka hojjetamu hubachiisaniiru.

Qoranichaan kaakaawoo dabalatee muka halluu fi kanneen akka vaaneellaa sanyiin mi’eessituuwwanii biyya alaa gatii guddaa qaban fuulduratti baay’ifamanii akka rabsaman  eeraniiru.

 Kakawoon galtee industiriif kan  tajaajilu gosa mi’eessituuwwanii qaalii ta’uu  fi warshaawwan chokolaataa fi  kanneen biroon Itiyoophiyaatti sharafa alaan akka galchan   gidduu galichatti Qindeessaan Qorataa  Midhaanii  fi hortiikaalcharii  shahaamil Aloo     ibsaniiru.

Kakawoo biyya keessatti omishuu danda’uun omisha biyya alaatii galu  bakka bu’uurra darbee gabaa biyya alaaf dhihaatee sharafa Alaa kan argamsiisudha jedhaniiru. 

Daarektarrii fi  qorataan olaanaa  jiddugala qorannoo qonnaaTeeppii Dr. Darajjee Tulluu  wiirtuun qorannichaa  teekinooloojiin deeggaramuun  sanyiiwwan baay’ifaman  Qotee bulaaf rabsamanii akka misooman  gochuuf  xiyyeeffannon kennamuu ibsaniiru.

Yeroo ammaa baay’achaa kan jiran Qorannoon mi’eessituuwwanii gidduugala qorannoo qofatti akka  hin daangofneef namoota misoomsan waliin ta’uun  qindoominaan  hojjetamaa jiraachuu  himaniiru.

Gidduu galichi muuxannoo waggaa dheeraa qabuun omishawwan mi’eessituu gatii guddaa qaban irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015