Furmaanni fulla’aa fedhii Sudaanota hundaa eege akka dhufu cichanii hojjechuu barbada

Caamsaa 13/2017(TOI)-Qooda fudhattoonni Sudaan hundi furmaanni fulla’aa fedhii Sudaanota hundaa eege akka dhufu ciminaa fi miira ittigaafatamummaan akka hojjetan dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf waamicha taasisan.

Doktor Kaamil Al-tayib Iidriis ministira muummee Sudaan ta’uun muudamuu isaanii ilaalchisuun dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf ergaa dabarsaniin, tarkaanfiin fudhatame gaarii fi kan dinqisiifamudha jedhaniiru.

Muudamuun Muummicha Ministiraa tarkaanfii murteessaa sirna bulchiinsaa hunda hirmaachise ijaaruu dandeessisuu  ta’uu  dubbataniiru.

Sudaanitti Sirni Heera Mootummaa fi Bulchiinsa Dimokiraatawaa akka deebi’uuf tattaaffii taassifamaa jiruuf gumaacha gudda  taassisa jedheen amana jedhaniiru.

Qaamoleen qooda fudhattootaa Sudaan hundi abjuu uummata Sudaan  kan calaqqisiisanii fi  kan dhugoomsan nagaa qabeessa, hawaasa kan  bu’uureffatee fi cehumsa hunda hirmaachise  uumuuf  galma qabame milkeessuuf kutannoo gaariin  fi ciminaan  akka hojjetan durataa’ichi hubachiisaniiru. 

Komishiniin gamtichaas deeggartoota Riijinii fi Idila Addunyaa waliin ta’uun Sudaaniin deeggaruuf qophii ta’uu ibsaniiru.  

Durataa’aan komishinichaa Gamtaan Afriikaa tokkummaa, birmadummaa fi tas-gabbii sudaaniif,  kutannoon qabu  jabaataa ta’uu  dubbataniiru.

 

Rakkoo sudaaniitiif furmaata siyaasaa waaraa fiduun abjuu uummata Sudaan hundaaf nagaa, misooma bulchiinsa dimokiraatawaa dhugoomsuuf deeggarsa isaa cimsee  kan itti fufu ta’uu ibsuu  isaanii  odeeffaannoon TOI Gamtaa Afriikaa irraa argate  mul’isa.

#TOI #Oromiyaa#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015