Tumsa Itiyoophiyaa fi gamtaa Awurooppaa yeroo dheeraa caalaatti cimsuu barbaachisa-Dr. Geediyoon Ximootiwoos - ENA Afaan Oromoo
Tumsa Itiyoophiyaa fi gamtaa Awurooppaa yeroo dheeraa caalaatti cimsuu barbaachisa-Dr. Geediyoon Ximootiwoos

Caamsaa 12/2017(TOI)- Tumsa Itiyoophiyaa fi gamtaa Awurooppaa yeroo dheeraa ittifufe caalaatti cimsuun akka barbaachisu Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos.
Walgahiin ministiroota gamtaa Afriikaa fi gamtaa Awurooppaa sadaffaan boru Biraasselsitti taa’ama.
Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos walgahicharratti hirmaachuuf Biraaselsi kan dhaqan yoo ta’u, komishinarii tumsa idil addunyaa gamtaa Awurooppaa Jooseef Siikelaa waliin mari’ataniiru.
Komishinarii tumsa idil addunyaa gamtaa Awurooppaa Jooseef Siikeelaa Itiyoophiyaan biyya qabeenya Invastimantiif oolu qabdudha jedhan.
Gama biraan Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii riijinichaa irratti shoora ijoo bahaa jiraachuu dubbataniiru.