Manni marichaa wixinee labsii qabiyyee lafa magaalaa fi galmee lafaan walqabanii raggaase

Caamsaa 12/2017(TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii qabiyyee lafa magaalaa fi galmee lafaan walqabatan raggaase.

Manni Maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 30ffaa bara hojii waggaa afraffaa har’a taa’eera.

Manni marichaa wixinee labsii qabiyyee lafa magaalaa fi galmee lafaan walqabanii raggaaseera.

Mana maree bakka bu’oota ummataatti  itti aanaan walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota magaalaa, bu’ura misoomaa fi geejjibaa Dr. Tamasgeen Isheetuu Tamasgeen labsicha ilaalchisuu ibsa kenaniin, labsichi qabiyyee lafa magaalaa mirkaneessuu fi galmeessuu  sirna odeeffannoo ammayyaan qabachuu ofkeessaa qaba.

Labsichi weerara lafaa seeraan alaa, ittisuun, hojmaata badaa fi al-haqummaa hambisuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Manni marichaa  wixinee labsii lammiileen biyya alaa Itiyoophiyaa keessatti qabeenya hinsochoone akka qabaatan ykn abbaa qabiyyee haala itti ta’an tumuuf bahe irrattis mari’ateera.

Manni marichaa labsicha dursa koree dhaabbataa dhimmoota magaalaa, bu’ura misoomaa fi geejjibaaf, tumsaan ammoo koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaaf qajeelcheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015