Omishtummaa beelladaa fi midhaanii caalaatti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira-obbo Adam Faaraah - ENA Afaan Oromoo
Omishtummaa beelladaa fi midhaanii caalaatti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira-obbo Adam Faaraah

Caamsaa 12/2017(TOI)- Omishtummaa beelladaa fi midhaanii caalaatti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaaobbo Adam Faaraah ibsan.
Guyyaa kanniisaa kan kabajame yoo ta’u kilastarri dammaa gaagura ammayyaa godina Jimmaa aanaa Maannaa daawwatameera.
Daawwannaa kanarratti obbo Adam Faaraah akka jedhanitti, qonna cimsinee oomisha alaa galfamu biyya keessatti oomishuun hojiin bu’a qabeessi hojjetamaa jira.
Teessumni lafaa fi haalli qilleensaa Itiyoophiyaa damma oomishuuf mijataa waan ta’eef baay’inaa fi qulqullinaan oomishuun gabaa alaaf dhiheessuun cimuu qaba jedhaniiru.
Damma oomishuun alatti hojiileen oomisha qamadii bonee, Ruuzii fi misooma muduraan jalqabaman bu’a qabeessa ta’uu dubbataniiru.
Daawwannicharratti kan hirmaatan dhaabbata mootummoota gamtoomaniiti bakka bu’aan daarektar jeneraaliin dhaabbata nyaataa fi qonnaa Afriikaa Abbabaa Hayilagabri’eel gamasaaniin, guyyaan kanniisaa kabajamuunsaa kanniisaa fi eegumsa naannoof xiyyeeffannoon kennamee akka hojjetamu taasisa jedhan.