Dandeettiin Itiyoophiyaan Simintoo oomishuuf qabdu waggaatti meetiriik toonii miiliyoona 20 gaheera-ministira Injiinar Haabtaamuu Tagany - ENA Afaan Oromoo
Dandeettiin Itiyoophiyaan Simintoo oomishuuf qabdu waggaatti meetiriik toonii miiliyoona 20 gaheera-ministira Injiinar Haabtaamuu Tagany

Caamsaa 12/2017(TOI)- Dandeettiin Itiyoophiyaan Simintoo oomishuuf qabdu waggaatti meetiriik toonii miiliyoona 20n gahuun akka danda’ame ministirri albuudaa injiinar Haabtaamuu Tagany ibsan.
Perezedaanti Taayyee Atsiqe Sillaasee Magaalaa Direedhawaatti kan ijaarame pirojektii waldaa dhuunfaa babal’ina manufaakcheringii simmintoo Paayooner abbummaansaa murtaa’e eebbisaniiru.
Ministirri albuudaa injiinar Haabtaamuu Tagany wayita kana akka jedhanitti, dandeettiin Itiyoophiyaan Simintoo oomishuuf qabdu waggaatti meetiriik toonii miiliyoona 20 gahuu iibsaniiru.
Warshaaleen gurguddoon akka Lammii Simintoo waggoota muraasa keessatti ijaaramanii hojii eegaluunsaanii ministirichi ibsaniiru.
Warshaalee buleeyyii oomishtummaasaanii guddisuun akkasumas haaraa hojjechuun Simintoo biyya alaaf dhiheessuuf danda’ameera jedhaniiru.
Warshaalee dhakaa cilee qiqindeessan afur hojii eegalchiisuun dandeettii oomishtoota Simintoo guddisuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniru.
Warshaan simintoo Paayoniir dureeyyii Itiyoophiyaa fi Chaayinaan ijaarame oomisha qulqulluu oomishuun Itiyoophiyaaf ibsituu shaakallii aadaa hojii haaraa ta’uu danda’uusaa beeksisaniiru.
Kantiibaan bulchiinsa Dirree Dawaa Kadir Juhaar gamasaaniin, sosochii oomisha bakka bu’aa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin xiyyeeffannoon kennameef oomishtummaa Industirii fi invastimantii alaa guddisuuf shoora guddaa bahaa akka jiru ibsaniiru.
Warshaan simintoo Paayoniir magaalaa Dirree Dawaatti teeknooloojii faalamarraa alaa fayyadamuun carraa hojii uumuu fi kaka’umsa dinagdee magaalattiif shoora guddaa bahuu eegaluusaa himaniiru.
Jeneraal maanaajariin warshaa simintoo Paayoniir waldaa dhuunfaa ittigaafatamummaansaa murtaa’ee Liyoon Zon, wrshichi waggoota 16 darbaniif Itiyoophiyaa keessatti hojjechaa turuu yaadachiisanii, yeroo ammaa dandeettii oomishtummaasaa toonii kuma 600n guddisuusaa dubbataniiru.
Warshichi yeroo ammaa namoota 550f kallattiin carraa hojii kan uume yoo ta’u damee hawaasummaatiinis carraalee hojii fayyadama lammiilee guddisan uumuusaa eeraniiru.