Ijaarsi dhaabbilee qu’annoo fi qorannoo, haaraa fi hojmaata teeknooloojiin deeggaramanii qonna akkaataa fooyya’aan si’achiisan damee Kanaan tarkaanfii olaanaa taasisu-itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsi dhaabbilee qu’annoo fi qorannoo, haaraa fi hojmaata teeknooloojiin deeggaramanii qonna akkaataa fooyya’aan si’achiisan damee Kanaan tarkaanfii olaanaa taasisu-itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Caamsaa 12/2017(TOI)- Ijaarsi dhaabbilee qu’annoo fi qorannoo, haaraa fi hojmaata teeknooloojiin deeggaramanii qonna akkaataa fooyya’aan si’achiisan damee Kanaan tarkaanfii olaanaa taasisu jedhan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.
Yaa’iin Wabiin nyaataa, beela qolachuu fi misooma baadiyyaa Biraazil-Afriikaa lammaffaan magaalaa muummee Biraazil Biraaziiliyaatti jalqabamuu itti aanaan ministira muummee ibsaniiru.
Waltajjichi guddina misooma qonnaa, misooma baadiyyaa fi fooyya’iinsa wabii nyaataa mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu beeksisaniiru.
Ijaarsi dhaabbilee qorannoo fi qu’annoo, haaraa fi hojmaatota teeknooloojiin deeggaramanii qonna karaa fooyyee qabuun si’achiisanii damee Kanaan tarkaansii guddaa kan fidan ta’uu eeraniiru.
Damee Kanaan Itiyoophiyaan hojii hojjettee fi hojjechaa jirtu muuxannoo niqooddi isheenis niqooddatti jedhaniiru.