Warshaaleen Simintoo haaraan hojii eegaluunsaanii damee konistiraakshiniif haala mijataa uumeera - ENA Afaan Oromoo
Warshaaleen Simintoo haaraan hojii eegaluunsaanii damee konistiraakshiniif haala mijataa uumeera

Caamsaa 12/2017(TOI)- Itiyoophiyaatti Warshaaleen Simintoo haaraan hojii eegaluunsaanii damee konistiraakshiniif haala mijataa uumaa jiraachuu pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen ibsan.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseenpirojektii babal’isa waldaa dhuunfaa maanuufaakchariingii simintoo Paayooner ittigaafatamnisaa murtaa’e magaalaa Dirree Dawaatti ijaarame eebbisaniiru.
Pirezidaantichi wayita kana akka jedhanitti, warshaan Simintoo dureeyyii Itiyoophiyaa fi Chaayinaan ijaarame kun guddina industirii konistiraakshinii Itiyoophiyaaf faayidaa hedduu qaba.
Warshaaleen Simintoo haaraan Itiyoophiyaatti hojii eegaluunsaanii kanneen damee konistiraakshiiniirratti hojjetaniif carraa nijataa uumaa akka jiruhimaniiru.
Warshaan Simintoo Paayooniir carra hojii uumuun, beekumsa horachuu fi ceesisuun ittigaafatama hawaasummaa bahachaa jiraachuunsaa isa galateeffachiisa jedhan.
Pirezidaant Taayyee Atqasillaasee dabalatee ministirri albuudaa Injiinar Habtaamuu Tagany, akkasumas kantiibaan bulchiinsa Dirree Dawaa Kadir Juhaar fi keessummoonni biroon sagantaa eebbaarratti argamaniiru.