Oomishtummaa guddisuun fayyadamummaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Oomishtummaa guddisuun fayyadamummaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Caamsaa 12/2017(TOI)-Mootummaan Oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuuf xiyyeeffannoo kennuusaa sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugaleessa qindeessaa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah beeksisan.
Konfaransiin guyyaa kanniisaa idil addunyaa fi kanniisa horsiisuu fulla’aa 2ffaa fi biqiltuu diqaalomsuu magaalaa Jimmaatti taa’amaa jira.
Keessumaa guyyaan kanniisaa idil addunyaa mata duree “kanniisa haa kunuunsinu” bakka hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoleen argamanitti kabajamaa jira.
Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedahnitti, Mootummaan wabii nyaataa mirkaneessuu fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Sagantaan maaddii guutuus kallattii ijootti fudhatamee hojeeffamaa jiraachuu eeranii, gumaacha saganticha kanniisa horsiisuu fi oomishtummaa dammaaf qabucaalaatti cimsuuf xiyyeeffannoon olaanaan kennamuu beeksisaniru.
Ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee gamasaaniin, naannawaa fi kanniisa kunuunsuun oomishtummaa dammaa guddisuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Itiyoophiyaan baay’ina kanniisaa fi baay’ina dammaan Afriikaarraa tokkoffaa ta’uushee eeranii, dameen kun damma karaa ammayyaa oomishuutti jijjiiramaa jira jedhaniiru.
Damma karaa ammayyaa oomishuuf baatii saglan darban akka biyyaatti gaagura ammayyaa miiliyoon 2 tuqaa 2 raabsamuu isaa fi dammi toonii kuma 250 argamuusaa himaniiru.