Itiyoophiyaatti dameen knistiraakshinii carraa hojii Uumuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jira -Ministira Hojii fi Ogummaa Mufarihaat Kamiil

Caamsaa 12 /2017(TOI)-Itiyoophiyaatti dameen Ijaarsaa carraa hojii Uumuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jiraachuu  Ministirri hojii fi ogummaa  Mufarihaat Kamiil  ibsan. 

Walgahiin Ardii ogeeyyota hojiirratti hundaa’e dhaabbata hojii addunyaa 20ffaan mata duree” Sagantaa Invastimantii hawaasa cimaa fi naannawa humna namaa fayyaalessa baay’inaan fayyadamu adeemsifte” jedhuun galma walgahii gamtaa Afriikaatti taa’amaa jira.

Hogganttoonni olaanoon mootummaa, bakka bu’oonni biyyoota garaa garaa, gaggeeesitootni  Dhaabbilee Idil Addunyaa waltajicha irratti argamaniiru.

Waltajicha cinaati mariin paanaalii biyyoonni Carraa hojii uumuu irratti  muuxannoo qaban  kan wal jijjiiran gaggeeffameera.

 Marii Carraa hojii uumuu irratti gaggeefamee kan hogganaan Ministirri hojii fi Ogummaa Mufarihaat Kamiil yaada guduunfaa kennaniin akka ibsanitti, Mootummaan Itiyoophiyaa  carraa  hojii uumuun kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Tarsiimoowwanii fi  sagantaawwan Kallattii adda addaan carraa hojii uumuuf  hojiirra oola jiraachuu ibsaniiru.

Misoomni paarkii industirii fi intarpiraayiziiwwan xixiqqaan carraa hojii uumuuf  dandeettii qaban hubachuun xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru.

Keessummaan hojiin bu’uraalee misoomaa mootummaan raawwachaa jiru kanneen akka daandii fi pirojektiiwwan ijaarsa  gurguddoon carraa  hojii  guddaa  uumaa  jira  jedhaniiru.   

Hojiiwwan Misoomaa Magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiran carraa  hojii uumuu irratti  shoora guddaa  taphachaa  jiraachuu kaasaniiru.  

Hojiin ijaarsaa  guddina biyyaaf  faayidaa qabaachuu irra darbee  carraa hojii uumuu irratti   gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru. 

Damichi Itiyoophiyaatti guddachaa jiraachuu hirmaattonni turti isaanii Finfinneen mirkaneessuu akka danda’an kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015