IGAD fi  Gamtaan  Awurooppaa tumsa walitti hidhaminsa  riijinii qaban nijabeessu

 Caamsaa 12 /2017(TOI)-IGAD fi Gamtaan Awurooppaa  tumsa walitti hidhaminsa  Riijinii caalmaatti jabeessuuf akka hojjetan beeksisan. 

Walga’iin Ministirotaa  Gamtaa Afriikaa fi Gamtaa Awurooppaa  3ffaan iftaan Beeljiyeem Biraasilsitti  gaggeeffama.

Barreessaa Olaanaan IGAD Dr.Warqinaa Gabayyoo  waltajjicha irratti hirmaachuuf Biraasilsi dhaqaniiru.

Barreessaa olaanaan kun daarektara tumsa idil addunyaa gamtaa Awurooppaa Koon Donsi fi itti aanaa maaneejiing daarektaraa tajaajila hariiroo alaa Maatiiwu Biriinsi waliin mari’ataniiru.

IGAD fi Gamtaan Awurooppaa tumsa Nagaa, ijaarsa dandeettii cimaa fi walitti hidhaminsa Riijiniin gaanfa Afriikaatti qaban cimsuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Barressaa olaanaan turtii isaanii Biraasilsiin jila biyyoota miseensotaa akkasumas gamtaa Awurooppaa fi bakka bu’oota gamtaa Afriikaa waliin tums IGAD fi ajandaawwan riijiniirratti xiyyeeffachuun nimari’atu jedhamee akka eegamu odeeffannoon TOIn sektariyaatii IGAD irraa argate nimul’isa.

Waltaajii ministiroota Gamataa Afrikaa fi Gamtaa Awurooppaa 3ffaan dura har’aa fi boru walgahiin ambaasaaddarootaa fi aanga’oota olaanoo nitaa’ama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015