To’annaan qulqullinaa jiddugalichi raawwatu Itiyoophiyaan carraaqqii miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf taasiftu kan deeggarudha - ENA Afaan Oromoo
To’annaan qulqullinaa jiddugalichi raawwatu Itiyoophiyaan carraaqqii miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf taasiftu kan deeggarudha

Caamsaa 12/2017(TOI)- To’annaan qulqullinaa abbaa taayitaa qonnaa Itiyoophiyaatti jiddugalli qorannoo oomishaa fi galtee beelladaa raawwatu carraaqqii Itiyoophiyaan miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf taasiftu kan deeggaru ta’uun ibsame.
Abbaan taayitaa qonna Itiyoophiyaa galtee qonnaa, teeknooloojii, qulqullina oomishaa fi tajaajilaa akkasumas nageenyummaa mirkaneessuu fi to’achuu niraawwata.
Jiddugalichi qulqullina foonii, aannanii, dammaa fi buuphaa, nageenyummaasaa qulqulleessuu akkasumas qulqullina dawaa beelladaa, fayyisuu danda’uusaa fi nageenyummaasaa niqulqulleessa.
Jiddugalichatti dursaan hojii raawwachiisaa laaboraatoorii qorannaa qulqullinaa Fiizikoo keemikaalaa Dr. Balaachoo Baacaa TOItti akka himanitti, oomishaa fi oomishtummaan beelladaa akka dabaluu fi qulqullinaan gabaa addunyaatti akka dorgomu qorannoon qulqullina oomishaa murteessaadha.
Jiddugalichi rakkoolee fayyaa sababa hanqina oomishaa fi galtee beelladaan dhufuu danda’an adda baasuu fi ittisuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru.
Dawaan beelladaa biyya alaarraa galfamu osoo tajaajilaaf hin ooliin ulaagaa qulqullinaa idil addunyaa guutuusaanii mirkaneessuun ergamasaa keessaa tokko ta’uu himaniiru.
Oomisha beelladaa biyya alaatti ergamurratti to’annoon taasifamaa jira jedhaniiru.
Jiddugalichatti hojii raawwachiisaan qulqullinaa Dr. Zarihun Abagaaz gamasaaniin jiddugalichi qorannoon jiddugalichi taasisuu fi tooftaan qorannaa inni hordofu dambii fi seera idil addunyaa kan hordofe ta’uu dubbataniiru.
To’annaa fi qorannaan jiddugalichi taasisaa jiru carraaqqii Itiyoophiyaan miseensa dhaabbata daldalaa idil addunyaa ta’uuf itti jirtu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Jiddugalichatti eksikiyuutiiv oofiisaraa damee laaboraatoorii maayikiroo Baayoloojii fi bakka bu’aan hoogganaa jiddugalichaa Dr. Naardoos Tafarraa gamasaaniin, jiddugalicha teeknooloojiin, humna nama baratee fi galteedhaan guutuun waan danda’ameef bu’aan gaariin argamaa akka jiru dubbataniiru.
Kana itti fufsiisuun fi qorannaa dhaabbatichi taasisu bal’isuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Itti aanaan daarektara olaanaa jiddugalichaa Dr. Hamiid Jamaal, fayyummaa beelladaa eegsisuun oomisha qulqulluu fi gabaarratti barbaadamu oomishuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.