Naannichatti Xaa’oon uumamaa qonna gannaaf oolu qonnaan bulaa qaqqabaa jira-biiroo qonnaa naannichaa - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti Xaa’oon uumamaa qonna gannaaf oolu qonnaan bulaa qaqqabaa jira-biiroo qonnaa naannichaa

Caamsaa 12/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaatti Xaa’oon uumamaa qonna gannaaf oolu qonnaan bulaa qaqqabaa akka jiru biiroon qonnaa naannichaa beeksose.
Ittigaafatamaan biirichaa obbo Geetuu Gammachuu akka ibsanitti, kompoostii idilee dabalatee xaa’oon uumamaa garagaraa qophaa’anii qonna gannaaf hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira.
Bara bajataa kanatti kompoostii idilee meetir kuubii miiliyoona 250 fi kompoostuu Vaarmii kuntaala miiliyoona 2 tuqaa 4 qophaa’ee qonnaan bulaaf raabsamaa jira.
Naannichatti xaa’oo uumamaa qopheessuun gamatti fedhii xaa’oo qonnaan bulaa guutuuf yeroo ammaa xaa’oon kuntaala miiliyoona 6 caalu naannicha qaqqabuun qonnaan bulaaf raabsamaa akka jiru ibsaniiru.
Godina Buunnoo Baddalleetti jiddugaleessa xaa’oon qophaa’utti ogeessi xaa’ummaa lafaa Mahaammad Sulxaan, Kompoostiin Vaarmii xaa’ummaa lafaa eeguun, asiidawummaa biyyoo hir’isuu fi oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhan.
Jiddugalichi Kompoostii Vaarmii oomishuun qonnaan bulaaf dhiheessuun cinaatti, qonnaan bultoota leenjisuun qoodasaa bahaa akka jiru dubbataniiru.
Jiddugala godina Shawaa Kibba Lixaa kompoostiin Vaarmii itti oomishamu keessa kan hojjettu Birhaanee Sobbooqsaa, jiddugalichi Kompoostii Vaarmii oomishee gatii madaalawaan qonnaan bulaaf dhiheessaa jira.
Kana malees qonnaan bulaan akkaataa ofiisaan oomishuun fayyadamuu danda’u jiddugaleessichaan leenjiin kennamaa jiraachuu ibsiteetti.