Raawwii raayyaa sadarkaa olaanaatti guddisuuf hoojiin gabbisa dandeettii hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Raawwii raayyaa sadarkaa olaanaatti guddisuuf hoojiin gabbisa dandeettii hojjetamaa jira

Caamsaa 10/2017(TOI)- Raawwii raayyaa ittisaa sadarkaa olaanaatti guddisuuf hoojiin gabbisa dandeettii cimanii akka itti fufan Izziin kibbaa beeksise.
Leenjiin izziin kibbaa kooriin 202ffaa bara bajataa 2017 yeroo lammaffaaf hooggantoota rejimantii fi dhibbaalaaf akkasumas loltoota bu’uraa haaraa ramadamaniif kennaa ture xumurameera.
Izzii kibbaatti ajajaan olaanaa koorii 202ffaa koloneel Dajanee Tsaggaayee wayita kana, koorichi bakka dirqamni kennameefitti dirqamasaa raawwachaa jira jedhaniiru.
Humnoota nageenyaa Naannoo fi federaalaa waliin qindaa’uun bobbii taasisuun humnoota farra nageenyaarratti kasaaraa olaanaa geessisuusaa dubbataniiru.
Dandeettii raawwii raayyaa guddisuun dandeettiisaa sadarkaa olaanaatti guddisuun dirqama kennameef ga’umsaan akka bahatu gochuun karoora koorichaa wagga kanaa keessaa tokko ta;uu ta’uu ibsaniiru.