Ijaarsa dijitaal Itiyoophiyaa si’achiisuuf teeknooloojii cimsinee ittifufna-hirmaattota eksipoo teeknooloojii Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsa dijitaal Itiyoophiyaa si’achiisuuf teeknooloojii cimsinee ittifufna-hirmaattota eksipoo teeknooloojii Itiyoophiyaa

Caamsaa 10/2017(TOI)- Ijaarsa dijitaal Itiyoophiyaa si’achiisuuf teeknooloojii mandhalee rakkoo furan cimsinee ittifufna jedhan hirmaattota eksipoo teeknooloojii Itiyoophiyaa.
Eksipoo kanarraa muuxannoo guddaa akka argatanibsaniiru.
Eksipoon teeknooloojii idil addunyaa 2025 Afriikaa bahaa irraa guddichi kan bulchiinsi nageenya intarneetii odeeffannoo fi inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee waliin qopheessan Finfinneetti taa’ameera.
Waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaatti supparvaayizara kan ta’an Baarnaabaas Mokonnon, hojiin Itiyoophiyaan gama waqaqaa eenummaan hojjechaa jirtubaeksipoo kanarratti dhihaachuu dubbataniiru.
Hojiin Itiyoophiyaan waraqaa eenyummaa dijitaalaa irratti hojjechaa jirtu Afriikaarraa isa guddicha ta’uu kaasanii, Eksipoo Afriikaa Ayidii-4torbee dhufu jalqabamu irratti nibeeksifama jedhaniiru.
Eksipoo kanarratti kan hirmaatan keessaa biiroo innoveeshinii fi teeknooloojii naannoo Amaaraatti dursaan garee weebii fi appilikeeshinii Dajanee Habtuu akka ibsanitti, , bu’aalee dijitaal teeknooloojii naannichatti hojiirra oolan Eksipoorratti dhihaataniiru.
Hojiiwwan misooma kooriidariin hojjetamanii fi bu’uraalee misoomaa hojjetaman sababeeffachuun kaameeraa dijitaalaa maxxanfaman akkasumas teeknooloojiiwwan ismaart ruum dhiheessuu kaasaniiru.
Dhaabbata dhuunfaa mandhalee sooftiweerii hojjechuurratti bobba’e qabatanii kan dhihaatan Mokonnin Tikkuu gamasaaniin, Eksipoon kun guddummaa Itiyoophiyaan misooma dijitaalaan irra geese agarsiisa jedhan.
Xiyyeeffannoon mootummaan dame kanaaf kenneen gama dijitaal teeknooloojiin jijjiiramni olaanaan dhufuu dubbataniiru.