Hojiileen nageenyaa fi misoomaa naannoo Hararii caalaatti akka ciman qooda kenya nibaana-barsiisotaa fi hawaasa daldalaa - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen nageenyaa fi misoomaa naannoo Hararii caalaatti akka ciman qooda kenya nibaana-barsiisotaa fi hawaasa daldalaa

Caamsaa 09/2017(TOI)-Hojiileen nageenyaa fi misoomaa naannoo Hararii caalaatti akka ciman qooda isaanii akka bahan barsiisotaa fi miseensonni hawaasa daldalaa naannichaa beeksisan.
Mariin Naannichatti nageenyaa fi misooma irratti xiyyeeffate kan barsiiftonni, hawaasni daldalaa fi qaamoleen tajaajila geejjibaa kennan irratti hirmaatan dadeemsifameera.
Hirmaattonnis hojiin nageenyaa fi misoomaa magaalattiitti hojjetamaa jiran kan abdii namatti horudha jedhaniiru.
Ciminaan akka itti fufanis qoodasaanii akka bahan mirkaneessaniiru.
Barsiisaan Tewoodiroos Yismaashawaa, dhaloota biyyasaa jaalatu uumuun hojii barsiisaa waan ta’eef kanarratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra jedhaniiru.
Keessumaa hojiiwwan nageenyaa fi misooma itti fufsiisuuf qooda irraa eegamu bahuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Daldalaa obbo Ayyalaa Mihiratuu, hojiileen hunda galeessi naannichi raawwachaa jiru akka itti fufan mootummaa waliin ta’uun qoodasaanii akka bahan dubbataniiru.
Yeroo ammaa hojiiwwan bu’a qabeessi raawwatamaa akka jiran kan dubbatan ammoo barsiiftuu Addisalam Takkaati.
Kana itti fufsiisuuf ogummaa isaaniin bu’a qabeessa ta’uuf akka hojjetan ibsaniiru.
Ijaarsa naannichatti hojjetaman deeggaruun misoomni akka si’atu qooda keenya bahaa jirra kan jedhan ammoo bakka bu’aa hawaasa daldalaa obbo Abdurazaaq Ahimad jedhamu.
Hojiin nageenyaa fi misoomaa naannichaa cimanii akka itti fufan deeggarsa irraa eegamu akka taasisan dubbataniiru.
Paartii badhaadhinaatti itti aanaan itti gaafatamaa waajjira damee naannoo Hararii obbo Abdulhakiim Umar TOIf akka ibsanitti, kaayyoon waltajjii kanaa hojiilee nageenyaa fi misooma waggoottan darban hojjetaman caalaatti cimsuuf kaka’umsa uumuufi.
Mariin har’a barsiisota, hawaasa daldalaa fi miseensota tajaajiltoota geejjibaa waliin haala yeroorratti taasifame qooda fudhattoota biroo waliin akka itti fufu eeraniiru.
Marii kanarratti barreeffamni mariif qophaa’e dhihaateera.