Hubannoon namtolche ija kalaqa mandhaleen ilaalame rakkoolee sektara Afriikaatti mul’ataniif furmaata

Caamsaa 09/2018(TOI)-Hubannoon namtolche ija kalaqa mandhaleen ilaalame rakkoolee sektara Afriikaatti mul’ataniif furmaata sirrii ta’uu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbatan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad sagantaa “hubannoo namtolchee Afriikaa” mata duree “hubannoo namtolchee badhaadhinaa fi tumsa Afriikaaf” jedhuun adeemsifamaa jiru irratti  argamuun ergaa dabarsaniiru.

Eraa dabarsaniinis hubannoo namtolcheen Afriikaaf filannoo akka hin taane himaniiru.

 Rakkoolee Afriikaa Sektara cehan salphisuun kan danda’amu hubannoo namtolchee ija kalaqa mandhaleen  ilaalameen ta’uu dubbataniiru.

Hubannoon namtolchee motora jijjiiramaa naannawa, hawaasaa fi sektaroota cehu ta’uu eeranii, rakkoolee Ardicha qoraa jiran furuuf filmaata sirrii ta’uu ibsaniiru.

Afriikaan imaammattoota hammataa fi ogummaa damee Kanaa si’achiisan hojiirra oolchuun shoora adda durummaa bahuu akka qabdu ministirri muummee cimsanii kaasaniiru.

Sirna dijitaalaa bal’isuuf hojii hojjetaman keessatti birmadummaa odeeffannoo kabachiisuun xiyyeeffannoo akka barbaadu dubbataniiru.

Kun ammoo maxxantummaa teeknooloojii alaarratti qabnu ittisuuf nugargaara jedhaniiru.

 Akka Kanaan, Itiyoophiyaan hojiiwwan hubannoo namtolcheen, bu’ura misoomaa dijitaalaa fi ogummaa guddisaniin fakkeenyummaan dursaa akka jirtu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan waggaa shan dura Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee hundeessitee hojii jalqabuushee eeraniiru.

Hojiin Itiyoophiyaan humna haaromfamaa fi damee telekoomiin hojiin hojjette hojiin  dijitaalaa akka bal’atu qooda olaanaa bahaa akka jiru eeraniiru.

Sagantaawwan akka Waraqaan eenyummaa dijitaalaa akkasumas Inisheetiiviin koodarsii miiliyoona shanii Itiyoophiyaan abjuushee hojiitti hiikaa akka jirtu agarsiisa jedhaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015