Afriikaan sirna daldala Addunyaa keessatti fedhiin ishee akka eegamu hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Afriikaan sirna daldala Addunyaa keessatti fedhiin ishee akka eegamu hojjetamaa jira

Caamsaa 08/2017 (TOI)-Sirna Daldala Addunyaa keessatti hojiin fedhiin Afriikaa eegsisan hojjetamaa jiraachuu komishiniin gamtaa Afriikaatti gurmuun Gorsaa seera idila Addunyaa (AUCIL) beeksise.
Hammattoowwan seeraa Daldala bilisaa Riijinii Afriikaa boqonnaa 2ffaan raggaafamuu hubachibsaniiru.
Gamtaan Afriikaa A.L.A bara 2009 yaa’ii idilee magaalaa Finfinneetti gaggeesseen murtee dabarse keessaa gamtaa komishinichaaf Gorsaa seeraa walaba ta’e hundeessuu ture.
Gamtaa Afriikaatti akkaataa dambii hundeeffamaa Komishiniin gamtaa Afriikaatiin gurmuun Gorsaa seera idil Addunyaa (AUCIL) hundaa’eera.
Hundeeffamuun Gorsaa kanaa Gamtaan Afriikaa Ardittiif hariiroo kutannoo qabu kan agarsiisuu fi mul’ata idil Addunyaaf qabu galmaan gahuuf kan gidduu galeeffate ta’uu ibsameera.
Komishinii Gamtaa Afriiikaatti gurmuun Gorsaa Seera Idil Addunyaa (AUCIL) Caamsaa 14 fi 15 bara 2017 fooramiisaa 11ffaa Teessoo Gamtichaa Magaalaa Finfinneetti gaggeessa.
Foramichi mata duree “Seera idil addunyaa, foramii dhaabbata daldalaa addunyaa firiijinii daldala bilisaa Ardii Afriikaa” jedhuun kan adeemsifamu ta’uu odeeffannoon TOIn gamtaa Afriikaarraa argate nimul’isa.
Fooramicha irratti Qorattootni Seera Idil Addunayyaa , Mariisisitoonni Tarsiimoo Daldalaa Biyyoolessaa, Bakka Bu’oonni Daldala Bilisaa Riijinii Afriikaa fi qooda fudhattoonni kanneen biroon ni argamu.
Gahee Afriikaan bulchiinsa seera daldala Idil Addunyaa keessatti qabdu Ajandaa Jalqabaa fooramichaatti.
Diibbaa dhaabbanni daldalaa addunyaa hirmaannaa Afriikaan sirna daldalaa addunyaarratti qabdu irratti geessisuu danda’uu fi filaattota furmaataa ilaalchisuun yaaddi foramicharratti nidhihaatu.
Jaarmayaan gorsaa seera idil addunyaa Komishiniin gamtaa Afriikaa (AUCIL) sirna daldalaa addunyaa keessatti fedhii Afriikaa eegsisuuf hojjechaa akka jiru ibseera.
Seeronni daldalaa idil addunyaa Sirna gabaa addunyaa keessaa Afriikaa akka hinbaafnee fi hirmaannaashee kan hindaangessine akka ta’an kutannoon hojjechaa akka jiru himeera.
Hammattoowwan seeraa boqonnaa lammaffaa riijinii daldala bilisaa Afriikaa raggaasuu dabalatee caaseffama seeraa cimsaa akka jiru himeera.