Gamtaan Afriikaa fi dhaabbanni mootummoota gamtoomanii tumsa tarsiimawaa cimsuuf kutannoo agarsiisan

Caamsaa 08/2017 (TOI)- Gamtaan Afriikaa fi dhaabbanni mootummoota gamtoomanii tumsa tarsiimawaa caalaatti cimsuuf kutannoo akka qaban beeksisan.

Yaa’iin idilee Liigii Arabaa Iraaq Baagdaaditti taa’amaa jira.

Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Muhaammad Alii Yuusuuf yaa’ichaan cinaatti barreessaa olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez waliin mari’ataniiru.

Dhaabbileen lamaan  tumsa tarsiimawaa cimsuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Tumsa gama ergamoota nagaa kabachiisuu, dhimmoota Siyaasaa fi dippilomaasii walitti bu’iinsa ittisuun qaban gabbisuuf akka hojjetan ibsuusaanii odeeffannoon TOI’n gamtaa Afriikaarraa argate nimul’isa.

Yaa’iin idilee Liigii Arabaa 34ffaan sadarkaa ministirootaatti eegalame boru sadarkaa gaggeessitootaatti ni’adeemsifama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015