Itiyoophiyaan bu’uraalee misoomaa ijoo dirree nageenya Saayibarii cimsan ijaarteetti

Caamsaa 08/2017(TOI)- Itiyoophiyaan bu’uraalee misoomaa ijoo dirree nageenya Saayibarii cimsan ijaaruushee daarektarri olaantuu bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo Tigist Haamid ibsan.

Eksipoon teeknooloojii Itiyoophiyaa Afriikaa bahaatti kan jalqabaa ta’e jiddugalaa konveenshinii idil addunyaa Addisitti banameera.

Daarektarri olaantuu bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo Tigist Haamid wayita kana akka jedhanitti, teeknooloojiin waan hundaaf bu’ura ta’aa dhufeera.

Itiyoophiyaan haala qabatamaa jiru irratti hundaa’uun bu’ura misoomaa babal’isaa jirti jedhaniiru.

Waraqaan eenyummaa dijitaalaa, inisheetiiviin leenjii koodarsii miiliyoona shanii akasumas tajaajiloota mootummaa dijitaalaayiz gochuun hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.

Bu’uraaleen misoomaa ijoon nageenya Saayibarii mirkaneessuu danda’an ijaaramuusaanii kaasanii, ijaarsa Ismaart Siitiinis hojiileen biyyoota biroof fakkeenya ta’an hojjetamaa jiru jedhaniiru.

Dura taa’aan kaawunsilii nageenya Saayibarii Emereetota Araba Gamtoomanii Dr. Mahaammad Alkuwaatii gamasaaniin, teeknooloojiin addunyaa jijjiiruuf dandeettii akka qabu kaasaniiru.

Nageenya Saayibarii mirkaneessuun birmadummaa nageenya biyyaalessaa mirkaneessuu ta’uu eeranii, biyyoonni dhimmicharratti hojjechuu qabu jedhaniiru.

Kaampaaniiwwan gurguddoon biyyoota hedduu fi hirmaattonni kuma 10 caalan Eksipoo Teeknooloojii amma Caamsaa 10 bara 2017tti turu  kana irratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015