Ekispoon Teekinooloojii Idil Addunyaa har’aa eegalee guyyaa sadiif Itiyoophiyaatti gaggeeffama - ENA Afaan Oromoo
Ekispoon Teekinooloojii Idil Addunyaa har’aa eegalee guyyaa sadiif Itiyoophiyaatti gaggeeffama

Caamsaa 08/2017 (TOI)-Hirmaattonni kuma 10 ol kan irratti argamanii fi Afrikaa Bahaatti Ekispoo Teekinooloojii Idil Addunyaa guddaan Magaalaa Finfinneetti nigaggeeffama.
Eksipoon ETEX 2025 ekispoo teeknooloojii dhiheessii teeknooloojiiwwa haaraan walqabatee kaampaaniiwwan sadarkaa idil addunyaatti beekamtii qaban irratti hirmaatanidha.
Dhiheessitoonni Teekinooloojii biyya keessaa fi biyya alaa 100 ol Eksipoo sanaan beekamtii fi fudhatama argatan omishaa fi tajaajila isaanii nibeeksisu.
Hirmaattonni kuma 10 Eksipoo teeknooloojii Gidduugala Konveekshinii Idil Addunyaa Addisitti har’a banamu irratti nihirmaatu.
Eksipoo kana Bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo fi inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaatu dhaabbata nageenya Saayibarii Emereetota Araba Gamtoomanii waliin qopheesse
Eksipoo sanaan kaampaaniiwwan Teekinooloojii biyya keessaa fi biyya alaa omishaa fi tajaajila isaanii beeksisuu irra darbee mariin paanaalii adda addaa ni gaggeeffamu.
Marii Nageenya saayibarii, hubannoo namtolchee, ismaIsmaart Siitii fi dijitaal teeknooloojii irratti xiyyeeffatan dabalatee dorgommiiwwan Roobootiksii fi teeknooloojii biroon nitaasifamu.