Ameerika fi Yuunaayitid Kingidam Tumsa Itiyoophiyaa waliin qaban caalmaatti jabeessuuf akka barbaadan ibsan - ENA Afaan Oromoo
Ameerika fi Yuunaayitid Kingidam Tumsa Itiyoophiyaa waliin qaban caalmaatti jabeessuuf akka barbaadan ibsan

Caamsaa 08/2017 (TOI)-Ameerika fi Yuunaayitid Kingidam hariiroo gamlamee fi tumsa riijiniin cItiyoophiyaa waliin qaban caalmaatti jabeessuuf akka fedhan beeksisan.
De’eetaan Ministiraa dhimma Alaa Ambaasadar Hadaraa Abarraa Itiyoophiyaatti Ambaasadara Ameerikaa IrvinMasingaa waajjira isaaniitti simatanii mariisisaniiru.
De’eetaan Ministirichaas Ambaasadaricha waliin hariiroo gamlamee, Riijinii fi Hariiroo Dinagdee irratti marii’ataniiru.
Ambaasaaddar Hadara dhimma haala yeroo nagaa fi tasgabbii Riijinii fi Naannoo irratti Ambaasaaddarichaaf ibsaniiru.
Ambaasaaddar Irven biyyisaanii nagaa fi tasgabii Riijinichaaf Itiyoophiyaa waliin akka hojjettu ibsaniiru.
Keessumaa shororkeessaa Alshabab fi gareewwan shororkeessitootaa kanneen biroo waliin qolachuuf tumsa qaban caalmaatii jabeessuuf dhimma danda’amu irratti marii’ataniiru.
Gama biraan Ambaasadar Hadaraa Abarraa Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Yuunaayitid kingideem Daren Weelchin waajjira isaniitti simatanii Marii’ataniiru.
De’eetan Ministirichaa Itiyoophiyaan Yuunayitid kingidam waliin hariiroo gaarii kan qabdu ta’uu ibsuun hariiroo dinagdeen jiru cimsuu akka qaban ibsaniiru.
Ambaasaaddar Hadaraan haalli mijataan Invastimantii Itiyoophiyaatti uumamuu ibsuun KaampaaniiwwanYuunaayitid Kingidam Itiyoophiyaatti invast akka godan gaafataniiru.
Daren Weelchin gama isaaniin, Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti Afriikaa irraa biyya Dinagdee guddaa akka taatu amantaa qaban himuun hariiroo Dinagdee caalmaatti jabeessuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Ambaasaddar Hadaraan Mootummaan biyya keessaattii fi naannoolee riiginiif nagaa fi tasgabbii buusuuf tattaaffii taassisaa jiru ambaasaaderichaatiif ibsa gochuu odeffannoo ministeera dhimma alaa ni’agarsiisa