Itiyoophiyaa nagaa kabachiisaa Dh.M.G’f deeggarsa dabalataa gochuuf waadaa galte

Caamsaa 07/2017(TOI)-Itiyoophiyaan nagaa kabachiisaa Dh.M.G’f deeggarsa dabalataa gochuuf waadaa galuushee ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad ibsan.

Ministeerri Ittisaa RDFI ibsa TOI’f ergeen gareen jilaa ministirittiin durfamu walgahii ministiroota nagaa kabachiisaa Dh.M.G qophheessummaa Jarmaniin magaalaa Barliinitti adeemsifamurratti hirmaachaa jira.

Itiyoophiyaan nagaa kabachisaa Dh.M.G ‘f deeggarsa dabalataa gochuuf waadaa akka galtu ministirittiin haasawa waltajjicharratti dhageessisaniin ibsaniiru.

በItiyoophiyaan gaaffii Dh. M. G irratti hundaa’uun loltuu fi Yuunitii poolisii dabalataa bobbaasuuf waadaa akka galtu dubbataniiru.

Walgahiin kun fooyyessa nagaa kabachiisaa Dh.M.G finagaa kabachiisuun Dh.M.G fuula dura maal ta’uu qaba haala jedhurratti guyyoota lamaaf adeemsifamee har’a akka xumuramu ni’eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015