Hawaasonni dinagdee riijinii egeree Afriikaa fooyya’aa gochuuf tumsa cimsuu qabu-Mahaammud Alii Yuusuuf

Caamsaa 07/2017(TOI)- Hawaasonni dinagdee riijinii egeree Afriikaa fooyya’aa gochuuf tumsa cimsuu akka qaban dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf ibsan.

Walgahiin waloo hawaasota dinagdee riijinii fi komishinii gamtaa Afriikaa har’a karaa toora intarneetii adeemsifameera.

Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf, barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo fi hooggantoonni hawaasota dinagdee riijinii walgahicharratti hirmaataniiru.
 

Dura taa’an komishinichaa, dhaabbileen riijinii fi gurmuuwwan utubaa gamtichaa ta’uu isaanii fi tumsa, nagaa fi humna jabaa ijaaruuf barbaachisaa akka ta’an ibsaniiru.

Addunyaa mudannoo battalee fi miidhaa garagaraa keessummeessaa jirtu irratti deebii waloo fi tarkaanfiiwwan tarsiimawoo fudhachuun akka barbaachisu himaniiru.

Nageenyi misoomaa fi tasgabbiif bu’ura ta’uu hubachiisaniiru.

Dippilomaasii biyyoota hedduu ilaalchisuun hirmaannaa Afriikaan garee 20 keessatti qabdu tumsa waloo fi tokkummaa kan durse ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Carraaqqii bittinnaa’aarraa gara hooggansa waloo kennuutti cehuun komishiniin gamtaa Afriiikaa fi hawaasota dinagdee riijinii cimsuun egeree Afriikaa waliin bocuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo gamasaaniin, tokkummaa, mul’ata waloo fi deebii qabatamaa waloo bu’uureffachuun tumsa cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Afriikaa barbaannu carraaqqii bittinnaa’aan dhugoomsuun hindanda’amu kan jedhan barreessaan olaanaan hooggansa cimaa kennuu, qindoomina tarsiimawaa fi abjuu lammiilee milkeessuuf boqonnaa malee hojjechuun mul’aticha milkeessuuf murteessa ta’uu himaniiru.

IGAD gamtaa Afriikaa jalatti karoora riijinii fi Ardii dhugoomsuuf carraaqqii waloo taasifamu deeggaruuf kutannoo qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015