Faayidaa industirii tuurizimiirraa argamu guddisuuf damich qorannoo Saayinsaawaa fi hubannoo namtolchee ammayyeessuu barbaachisa - ENA Afaan Oromoo
Faayidaa industirii tuurizimiirraa argamu guddisuuf damich qorannoo Saayinsaawaa fi hubannoo namtolchee ammayyeessuu barbaachisa

Caamsaa 06/2017(TOI)- Faayidaa industirii tuurizimiirraa argamu guddisuuf damich qorannoo Saayinsaawaa fi hubannoo namtolchee ammayyeessuu akka barbaachisu hayyoonni sektarichaa ibsan.
Konfaransiin qorannoo fi qu’annoo Yuunivarsiitiin Jiinkaa qopheesse adeemsifameera.
Hayyoonni Qorannoo dhiheessan faayidaa biyyaalessaa turizimiirraa argamu guddisuuf qorannoo saayinsaawaan gabbisuu fi hubannoo namtolcheen ammayyeessuu nibarbaachisa jedhan.
Qorataan Aadaa Yuunivarsiitii Arbaa Minci Piroofeessar Yishaaq Kacharoo mata duree tuurizimii qorannoo fi hubannoo namtolcheen ammayyeessuu jedhuun barreeffama qorannoo dhiheessaniiru.
Itiyoophiyaan qabeenya turizimii guddaa qabaattus faayidaa dinagadee isheef malu argachaa akka hinjirre eeraniiru.
Itiyoophiyaan damee kanarraa faayidaa barbaachisu argachuuf bu’aalee qorannoo hubannoo namtolchee waliin qindeessuun fayyadamuu akka qabdu himaniiru.
Bakka bu’aan Itti aanaa pirezidaantii akkaadaamikii, qorannoo, cehumsa teeknooloojii fi tajaajila hawaasaa uunivarsiitii Jiinkaa obbo Ibraahim Jamaal gamasaaniin, industirii tuurizimii dadammaqsuu fi ammayyeessuuf qorannoowwan saayinsaawaa faayidaa guddaa qabu jedhan.
Tuurizimiin xiyyeeffannoo Yuunivarsiitichaa ta’uu ibsanii, damee kana qorannoo saayinsaawaan gabbisuun qabeenya industirii tuurizimiirraa argamu guddisuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru.
Hooggantuun biiroo aadaa fi turizimii naannoo kibba Itiyoophiyaa adde Wayinituu Malkuu gamasaaniin, faayidaa dinagdee hawattoota turizimii naannichaa guddisuuf teeknooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuunhojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.