Itiyoophiyaan dameelee daldalaa fi Invastimantiin dureeyyii Ruusiyaaf filannoo adda dureedha-ambaasaaddar Dr Gannanee Tashoomaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan dameelee daldalaa fi Invastimantiin dureeyyii Ruusiyaaf filannoo adda dureedha-ambaasaaddar Dr Gannanee Tashoomaa

Caamsaa 06/2017(TOI)- Itiyoophiyaan dameelee daldalaa fi Invastimantiin dureeyyii Ruusiyaaf filannoo adda duree ta’uushee Ruusiyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dr Gannanee Tashoomaa ibsan.
Ruusiyaatti ambasaaddarri Itiyoophiyaa Dr Gannanee Tashoomaa turtii TOI waliin taasisaniin, Ruusiyaan Itiyoophiyaaf tumsituu tarsiimawaa ta’uu ibsaniiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ayyaana injifannoo Ruusiyaa 80ffaa irratti hirmaachuunsaanii michooma seena qabeessa Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa cimsuun tumsa gama hedduu biyyoota lamaanii kan jabeessu ta’uu dubbataniiru.
Hariiroon Itiyoo-Ruusiyaa waggoota 128 lakkoofsiseera kan jedhan ambaasaaddar Gannaneen, fayyaa, barnootaa fi tumsa hawaasummaarratti waliin hojjechaa jiru jedhaniiru.
Ispees Saayinsii, Ji’o-Ispaashaal, Saayinsii fi teeknooloojii nuukileeraa nagaan, albuudaa fi anniisaan waliigaltee tumsa fudhachuun hojjetamaa akka jiru himaniiru.
Dureeyyiin Ruusiyaa hojii daldalaa fi Invastimantii Afriikaatti taaSISANIIF Itiyoophiyaa adda durummaan akka filanat dubbataniiru.
Dureeyyiin Ruusiyaa Buna Itiyoophiyaa kallattiin bituuntumsi daldalaa jabaachaa akka dhufe himaniiru.