Hojmaanni dijitaal Intarpiraayizii haaraan tajaajila jiddugala tokkoo Masoob keessatti eegalameera - ENA Afaan Oromoo
Hojmaanni dijitaal Intarpiraayizii haaraan tajaajila jiddugala tokkoo Masoob keessatti eegalameera

Caamsaa 06/2017(TOI)- Hojmaanni dijitaal Intarpiraayizii haaraan tajaajila jiddugala tokkoo Masoob keessatti eegalamuu ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan.
Ministirri Mufarihaat Kamil turtii TOI waliin taassisaniin, tajaajila dhaabbileen kennan Haqa-qabeessa, Ammaayyaa’aa fi dhaqabamaa gochuuf mootummaan xiyyeffannoon hojjechaa jira jedhaniru.
Ministeerichi Riifoormii gaggeesseen kenna tajaajilaa fooyyessuu fi ammayeessuuf hojii hedduu hojjeteera.
Lammiileen tajaajila dhaabbilee irraa argatan salphaa fi dhaqabamaa gochuuf hojmaata teekinooloojiin deeggarame bu’uuressuu fi hojjechuun kan dursu ta’uu ibsaniiru.
Haala kanaan Tajaajilli hedduun dhaabbatichaan kennaman haala tutuqqaa irraatii bilisa ta’een Teekinoloojiin deeggaramee dhaqabamaa ta’aa jira.
Sadarkaa Federaalaatti Yaaliidhaaf hojiirra oolaa kan jiru tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob hojmaata dhaabilee Ammayeessuuf haala mijataa uumuu Ministirittiin ibsaniiru.
Kanaanis Ministeerichi tajaajiloota kennu keessaa lama tajaajila wiirtuu tokkoo Masoobiin
eegaluu ibsaniiru.
Tajaajiloonni kunneen eeyyama hojii alaa fi haromsaa akkasumas, Interpiraayizii Dijiitalaa kan jedhaman ta’uu ibsaniiru.
Tajaajila Interpiraayizii Dijiitallaa kan jedhamu akka biyyaatti haaraa ta’uu eeruun,lammiileen Interpiraayiziin yeroo gurmaa’an hojimaatni harkifataan isaan mudachaa ture kan hanbisudha jedhaniiru.
Amman dura Adeemsi interpiraayiziin gurmaa’uun balbala dhaabbilee hedduutti deddeebi’uu kan gaafatu ta’uu hubachiisuun adeemsi kun bu’aa bahyii kan qabu ta’uu eeraniiru.
Tajaajila wiirtuu tokkoo Masdoob kenna tajaajilaa ammayyeessuu mirkaneessuu irra darbee ijaarsa dhaabileef murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Dhaabileen teekinooloojiin deeggaramuun tajaajila ammayaa’aa kennan bu’aan ijaarasa mootummaaf qabu guddaa waan ta’eef hojmaata cimaa fi cehaa ta’uu hubachiisaniiru.
Kananis teekinoolojii bu’uuressuun ,hojiirraa oolchuu fi guutummaan fayyadamuun dhimma ijoo ta’uu ibsaniiru.
Barbaachidummaan Wiirtuun tajaajila tokkoo Masoob tajaajiloonni barbaachisoon gara lammiileetti dhihachuu kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.
Sirnichi kenna tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee dhaloota biyya jaalatuu fi biyyaaf dhimmu uumuuf carraa akka kennu dubbataniiru.
Giddugalichi lammiileen itti gaafatamummaa isaan irraa eegamu akka bahatanii fi uummanni mootumma waliin dhihaatee akka hojjetuuf haala mijataa kan uumu ta’uu ibsaniiru