Ogeeyyonnii waldhaansaa fi hojjettoonni Hoospitaalli walii gala Ciroo dhiiga arjooman - ENA Afaan Oromoo
Ogeeyyonnii waldhaansaa fi hojjettoonni Hoospitaalli walii gala Ciroo dhiiga arjooman

Ciroo 06/2017 (TOI)- Ogeeyyonnii waldhaansaa fi hojjettoonni Hoospitaalli walii gala Ciroo dhiiga arjooman
Tajaajila ogummaa kennaniin ala dhiiga arjoomuun lubbuu baraaruuf qoodasaanii akka bahan mirkaneessaniiru.
Kanneen keessaa ogeessi kutaa waldhaansa battalaa hoospitaalichaa Ahimad Ashim, kanneen dhiigni barbaachisuuf dhiiga arjoomuun ittigaafatama ogummaa fi hawaasummaa bahuu akka ta’e ibsaniiru.
Hospitaala Cirootti shaakallii ogummaarra kan jirtu barattuun kolleejii fayyaa fi meedikaal Saayinsii Yuunivarsiitii Hara Mayaa Qananii Tolaa, tola ooltummaan dhiiga gumaachuun hawaasa keenya tajaajiluun ittiquufinsa guddaa ta’uu dubbatteetti.
Tajaajila waldhaansaa idileen alatti tajaajiloota lubbuu namaa baraaran irratti hirmaavchuun itti quufinsa guddaa kan kennu ta’uu kan dubbatte ammoo barattii fayyaa Yuunivarsiitichaa Qiddisti batiruudha.
Dhiiga arjoomuun alatti dameewwan waldhaansaa biroorratti tajaajilli tola ooltummaa akka hojii tokkootti fudhattee akka itti fuftu ibsiteetti.
Meedikaal daarektariin hoospitaala waliigalaa Ciroo Dr. murteessaa Abduxayib gamasaaniin, ogeeyyonni fayyaa Hoospitaalichaa dhiiga arjoomuu dabalatee waldhaansa ijaa bilisaa fi tola ooltummaa biroo irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.
Ogeeyyonni dhiiga arjoomuu hojii idileen alatti hojii lubbuu baraaruu raawwachaa akka jiran kan ibsan ammoo hojii gaggeessaa hoospitaalichaa obbo Aliyyuu Ibraahimi.