Milkaa’inoota gama hundaan argaman agarsiisuuf ogeeyyonni miidiyaa fi komunikeeshinii qooda olaanaa qabu - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’inoota gama hundaan argaman agarsiisuuf ogeeyyonni miidiyaa fi komunikeeshinii qooda olaanaa qabu

Caamsaa 06/2017(TOI)- Jijjiirama akka biyyaatti taasiame sababeeffachuun Milkaa’inoota gama hundaan argaman agarsiisuuf ogeeyyonni miidiyaa fi komunikeeshinii qooda olaanaa bahuu akka qaban paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa Dr. Biqilaa Hurrisaa ibsan.
Hooggantoota olaanoo fi ogeeyyota miidiyaa fi komunikeeshinii naannoo Beeniishaangu Gumuziif mata duree “jabana haqaan boodaa haqaa fi beekumsaan” jedhuun leenjiin kennamaafii jira.
Paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa Dr. Biqilaa Hurrisaa akka jedhanitti, Jijjiirama akka biyyaatti taasiame sababeeffachuun Milkaa’inoota gama hundaan argaman agarsiisuuf ogeeyyonni miidiyaa fi komunikeeshinii qooda olaanaa bahuu qabu.
Odeeffannoo dhugaa beekumsarratti hundaa’e hawaasa qaqqabsiisuun hojiiwwan komunikeeshinii guddummaa Itiyoophiyaa agarsiisanii fi shira diinaa saaxilan irratti xiyyeeffachuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Dameen kun seenessa waloomaa hawaasa qabsiisuuf meeshaa ijoo ta’uu ibsanii, leenjiin gabbisa dandeettii guddisu hooggansaa fi ogeeyyii miidiyaa fi komunikeeshiniif kennamaa akka jiru eeraniiru.
Paartii badhaadhinaatti hoogganaan damee naannoo Baaniishaangul Gumuz obbo Isaaq Abdulqaadir gamasasaniin jijjiiramaan asitti tokkummaan sabdaneessummaa fi obbolummaan cimeera jedhaniiru.
Hooggantoonni olaanoo naannichaa akkasumas ogeeyyonni miidiyaa fi komunikeeshinii Leenjii guyyoota sadiif turu kanarratti hirmaachaa jiru.