Zooniin dinagdee addaa Adaamaa oomishoota bakka bu’an kan doolaara miiliyoona 26 tuqaa 5 baasan oomishe

Caamsaa 06/2017(TOI)-Bara bajatichaa baatii sagalitti Zooniin dinagdee addaa Adaamaa oomishoota bakka bu’an kan doolaara miiliyoona 26 tuqaa 5 baasan oomishuusaa hojii gaggeessaan zoonii addaa Adaamaa obbo Gullilaat Abbabaa ibsan.

Ommishaalee garagaraa zoonii addaa Adaamaatti oomishamaniiAwurooppaa fi Jiddugala bahaatti ergaman keessaa galiin doolaara miiliyoona 12 caalu argamuunsaa ibsameera.

Hojii gaggeessaan zoonii addaa Adaamaa obbo Gullilaat Abbabaa TOIf akka ibsanitti riifoormiin dinagdee gooroo taasifamuusaatiin zoonichi riifoormii taasisaa jira jedhaniiru.

Riifoormiin taasifame tokko oomisha alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuu fi sirna gurgurtaa keessatti lammiilee hedduuf hojii uumuuf xitteeffannoon kennamuusaati.

Haala Kanaan bara bajataa kana oomishaalee bakka bu’an kan doolaara Ameerikaa miiliyoona 24 baasan oomishuuf karoorfamee baatii sagalitti kan doolaara miiliyoona 20 tuqaa 5 baasu oomishuun karooraa ol milkaa’uu himaniiru.

Riifoormiin sirnaan raawwatamuusaa fi onnachiiftuun taasifamuunsaa maashinariiwwan garagaraa galchuun oomishamuu waan danda’eef bu’aan kun dhufuu ibsaniiru.

Xiyyeeffannoon Kanaan dura wayyaa hodhuu fi huccuurratti hundaa’ee ture oomishaalee bakka bu’an kan galtee konistiraakshiniif oolan zoonicha keessatti hojjetamaa jiru jedhan.

Galteen kaampaaniiwwan biyya alaarraa galchan biyya keessatti bakka buusuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Uffannaa fi huccuu dabalatee baatii sagalitti biyya alaatti kan ergaman biroorraa doolaarri miiliyoona 12 tuqaa 5 argamuu ibsaniiru.

Zooniin dinagdee addaa Adaamaa namoota kuma 9’f carraa hojii kallattiin, namoota kuma 20 harka lafa jalaan carraa hojii uumuu eeraniiru.

Kaampaaniiwwan zoonii addaa Adaamaatti sheedota 19 fudhachuun hojiirra jiran keessaa torba dureeyyii biyya alaa ta’uu dubbataniiru.

Kaampaaniiwwan kanneen keessaa bakka bu’aan kaampaanii Jootuun-Itiyoophiyaa Yohaannis Allenee yaada kennaniin, kaampaanichi halluu manaa oomishuun gabaa biyya keessaaf dhiheessaa akka jiru ibsaniiru.

A.L.Atti waggoottan afran darban owagga waggaan oomishtummaasaa guddisuun oomisha walfakkaataa alaa galu hambisuun oomisha biyya keessaan bakka buusuusaa himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015